Gaazexessitonni Rooyitarsi Maayinaamaaritti hidhamani gadi lakkifaman

67

Eebla 29/2011 Gaazeexessitonni Rooyitarsi Maayinaamaaritti hidhamanii turan gadi lakkifaman. 

Gaazexeessitoonni amma hiikkaman kunneen lama yoo ta'an kan hidhaman ajjeechaa muslimoota Roohingaa irratti raawwatame saaxiluusaaniin ture.  

Gaazexeessonni ganna 33 Waa Loon fi kan ganna 29 Kiyaaw So’e Soo kan gadi lakkifaman Pireezidaantiin Maayinaamaar dhiifama waan taasisaniifi jedhameera.

Gaazexessitoonni lameen guyyoota 500f magaalaa guddoo biyyattii irraa fagaattee kan argamtu Magaala Yaangoon keessatti kan hidhamanii turan.

Ajjeechaa muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame saaxiluu isaaniin murteen waggaa 7 irratti murtaa’uun hidhaatti darbamani turan.  

Gaazexeessan Waa Loon erga hiikkamee booda yaada kenneen hojii gaazexeessummaan kan itti fufu tahuu beeksiseera.  

Qophessaan olaanan kutaa Oduu Rooyitarsi Isteeveen jee Adleer yaada kennaniin Gaazexeessitoonni kunneen torbee darbee guyyaa Pireesi Walabummaa Addunyaa irratti karaa bakka bu’aa isaanitiin badhaasni kennamufii isaanii hime jira.   

Gaazexessitoonni kunnen hojii isaaniin lamileen Roohingaa 10 ta'an fulbaana bara 2017 ALA iddoo Iin Diin jedhamutti loltootaan ajjefamuu isaanii waan gabaasaniif hidhamuun isaanii ni yadatamaa.  

Madda:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015