Federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa ya’ii isaa idilee 26ffaa naannoo Affaar magaalaa Samaraatti adeemsisaa jira

101

Sadaasa 10 2015 (TOI ) Federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa ya’ii isaa idilee 26ffaa naannoo Affaar magaalaa Samaraatti adeemsisaa jira

Pirezidaantiin federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa komishinariin itti aantuu Daraartuu Tulluu dabalatee miseensonni koreehojii raawwahiiftuu federeeshinichaa fi itti gaafatamtoonni federeeshinii atileetiksii naannoo yaa’ii kanarratti argamaniiru.

Dannbiin ittiin bulmaataa federeeshinichaa fooyya’e, raawwiin hojii fi faayinaansii bara 2014 akkasumas gaaffii miseensummaa federeeshinii atileetiiksii kibba lixaa Itiyoophiyaa irratti mariin taasifamee ni raggaasifama jedhameetu eegama.

Dhimma umurii atileetotaa fi dhimmoota kanaan walqabatan irrattis mariin akka taasifamu ibsameera.

Yaa’ii guyyaa tokko turu kanaan federeeshiniin atileetiksii naannolee fi bulchiinsa magaalotaaf badhaasa jajjabeessituu akka kennu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015