Fiigichi guddichi atleetotaa fi qooda fudhattootaaf beekkamtii laate

113

Sadaasa 9/2015 (TOI) – Fiigichi guddichi Itoophiyaa sagantaa beekkamtii kennuu 22ffaa qopheesseen atleetotaa fi qooda fudhattootaaf beekkamtii laatera.

Sagantichi kaleessa mata duree ‘Itoophiyummaa kootti nan boona’ jedhuun gaggeeffameera.

Haaluma kanaan Atleet Tsaggaayee Kabbadaa, Taammiraat Tolaa, Komaandar Atleet Mossinat Garramow, Asallafachi Margaa, Wuddee Ayyaalewuu fi Yaalamzarf Yewuhaalaan beekkamticha argataniiru.

Akkasumas Ministeerri Turizimii, Bulchiinsi magaalaa Finfinnee, Poolisiin Federaalaa fi Finfinnee dhaabbilee beekkamtii kana argatan ta’uu eerameera.

Sagantaa beekkamtii laachuu kanarratti Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo, Ministirri ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasiisee Caalii dabalatee namoonni bebbeekkamoo fi hoggantoonni miidiyaalee argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015