Itiyoophiyaa fi Kuweet Walitti hidhiinsa dinagdee qaban cimsuuf walii galan

79

Sadaasa 8 2015 (TOI) Walitti hidhiinsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Kuweet cimsuun damee invastimantii guddisuuf walii galuunsaanii ibsame.

Komishinarri komishinii invastimentii Itiyoophiyaa Lalisee Namee Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Kuweet Naayif al Kiiwuteeyibiin waajjira isaaniitti simatanii haasosfsiisaniiru.

Mariin kunis haala biyyoonni lamaan hojiilee invastimantii shariikaan adeemsisuu danda’an, carraalee invastimantii Itiyoophiyaa beeksisuu fi walitti hidhiinsi dinagdee biyyattii haala cimurratti kan xiyyeeffate akka ta’ebeeksisaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri kuweet Naayif al Kiiyuteeyibii abbootiin qabeenyaa biyyattii Itiyoophiyaa keessatti invasti akka godhan beeksisuu fi walitti hidhuun hariiroo dinagdee biyyattii cimsuuf akka hojjetan dubbataniiru.

Itiyoophiyaa fi Kuweet hariiroo dippilomaasii kan eegalan akka lakkoofsa Awwurooppaatti bara 1967 akka ta’e odeeffannoowwan ni agarsiisu.

Biyyoonni lamaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1996 walii galtee invastimantii galamee kan mallatteessan yoo ta’u, akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1998 irraa kaasee hojiirra oolaa jira.

Walii galteen kun irra caalaa Invastimantii beeksisuu fi eeguu irratti kan xiyyeeffatedha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015