Imaammanni Inarjii Itiyoophiyaa waggoota soddomatti hiiquuf hojiirra ture faayya’uufi

79

Sadaasa 8/2015(TOI) Imaammanni Inarjii waggoota soddomatti hiiquuf hojiirra ture fooyya’uuf akka ta’e Ministeerri bishaanii fi inarjii beeksise.

Ministeerichi dhaabbilee damee kanaa waliin ta’uun wixinee imaammataa inarjii faayya’e irratti qooda fudhatoota waliin magaalaa Adaamaaatti mari’achaa jira.

Ministirri bishaanii fi inarjii doktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa akka jedhanitti, imaammanni inarjii waggoota 29f hojiirra ture fooyyessuuf bara 2013 irraa kaasee qophiin taasifamaa tureera.

Imaammanni kun haala biyyi amma irra jirtuun wal simee akka fooyya’e dubbataniiru.

Kallattiiwwan imaammataa galma karoora Itiyoophiyaa waggaa 10nii milkeessuu danda’an akka barbaachisan ibsanii, Gama inarjiitiinis wal ta’iinsa mootummaa fi damee dhuunfaa cimsuun guddina biyyaa fiduuf karaa dandeeessisuun akka qophaa’e eeraniiru.

Keessumaa dinagdee jijjiirama haala qilleensaa wajjin wal sime cimsuuf akka gargaaru, humana misooma haaromfamu irratti Itiyoophiyaan karaa kallattii imaammataan kan gaggeeffamtu akka ta’u eeraniiru.

Qophii wixinee imaammataan booda mariiwwan hedduun taasifamanii xumura irra ga’uu ibsanii, galteewwan dabalataa erga sassaabamanii booda qaama ilaallatuuf dhihaatee akka ragga’uu fi hojiirra akka oolu ni taasifama jedhaniiru.

Maddoota human haaromfamanii dabalatee wixineen imaammataa kun dameelee inarjiiammayyaa fi haaraa irratti xiyyeeffachuunii fi human alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuu qabiyyee jedhu of keessaa qaba.

Sababa imaammanni kun fooyya’e keessaa dinagdee biyyaa, misooma magariisaa fi karoora misoomaa wa ggaa 10nii waliin wal simsiisuun waan barbaachiseefi jedhameera.

Wixinee imaammataa keessaa dhimmoonni qulqullinaa fi amansiisummaa tajaajila elektiriikii,human qisaasamu hir’isuu, faayinaansii fayyaalessaa damee kanaa uumuu, itti fayyadama baayoomaasii aadaa sirreessuu, wal ta’iinsa damee mootummaa fi dhuunfaa cimsuun, caaseffama fi to’annoo dhaabbataa cimsuu fi itti fayyadamni teekinooloojii isaan gurguddoodha.

Riijinichatti human inarjii guddisuun sharafa alaa argamu guddisuun galma wixenee imaammataa keessaa isa tokkodha.

Dameelee Inarjii keessaa inni tokko waggoota 10 keessatti dhiheessii elektiriikii gatii madaalawaan hawaasaaf guutumaa guutuutti waliin ga’uun akka galmaatti kaa’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015