Yaa'iin hoggantoota garee biyyoota 20 bor ni jalqaba

152

Sadaasa 5/2015(TOI) - Yaa'iin 17ffaa hoggantoota garee biyyoota 20 bor Indoonezhiyaatti ni jalqaba.

Yaa'iin kun ''waliin haa damdamannu waliin haa jabaannu'' mata duree jedhuun kan geggeeffamu ta'uun himameera.

Yaa'ichi Pirezidaantii Indooneezhiyaan kan durfamu yoo ta'u sirna fayyaa, Ce'umsa Inarjii ittifufnsa qabufi jijjirama dijitaalaarratti maariin taasifamuu kan ijoo ta'uu midiyaaleen idil addunyaa gabaasaa jiru.

Yaa'iin kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta'u, hoggantoonni biyyoota kanneeni gara Indoonezhiyaa galaa jirachuun himameera.

Gareen 20 bara 1991 akka lakkofsa awurooppatii Jarman magaalaa Kolonittii sababa kufaatii dinagdee ardii Eeshiyaa mudateen biyyoonni badhaadhaniifi giddinarra jiran 20 walitti hidhuuf ministiroonni Faayinsasiifi Baankiin jiddugaleessaa hundeessanidha.

Erga hundaa'ee waggaa 10 booda marichi gara hoggantoota biyyootaafi mootummaatti akka guddatu taasifame.Gareen biyyoota 20 miseensoota biyyoota 19 fi Gamtaa Awurooppaa kan of keessaatti hammatedha.

Ameerikaa, Chaayinaa, Ruusiyaa, Turki, Yuunayiitid Kingidam, Saawudii Arabiyaa,Kanaadaa, Biraazil, Hindi,Koriyaa Kibbaa, Jarman, Faransaay,Awursiraaliyaa, Afrikaa Kibbaa, Xaaliyaan,Jaappaan,Meeksikoo, Arjentiinaafi Indoonezhiyaan biyyoota miseensoota garee kanaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015