Dippilomaatoota fayidaa biyyaaleessaa Itoophiyaa kabachiisuuf tattaafatan uumuun cimee itti fufa - Minsteera dhimma alaa

73

Onkoloolessa 28/2015(TOI) - Dippilomaatoota fayidaa biyyaaleessaa Itoophiyaa kabachiisuuf tattaafatan uumuun cimee kan itti fufu ta'uu deetaan Ministira dhimma alaa ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo himan.

Ministeerri Dhimma Alaa biyyoota adda addaatti dippilomaatoota Itoophiyaa bakka bu'an mata duree ''Ani biyya koof'' jedhuun Akkadaamii hoggantasa Afrikaatti leenjii guyyaa 20 kennuu jalqabe.

Leenjii kanarratti dippiloomaatoota jiddugaleessaafi olaanootu hirmaata jedhameera.Leenjiin kun dhimmoota dinagdee, Siyaasaa,Qaxaanaafi idil addunyaarratti xiyyeeffatama jedhameera.

Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo akka himanitti leenjiin kun bara 2015 leenjii marsaa jalqabaati.

Itoophiyaan dhiibbaan jabaan yeroo itti baay'ateetti qormaatoota turan damdamachuun hojii dippilomaasii milkaa'aa hojjechuun michootaafi biyyoota ollaa isheef abdii taateetti jedhaniiru.

Haala qabatamaa Itoophiyaan keessa jirtu ilaalcha keessa galchuun hojiin dippilomaasii dijtaalaa cimaan hojjetamuu akka qabu eeraniiru.

Kana milkeessuun sabdaneesummaa kan bu'uureffate dippilomaatoota dargaggeeyyii fayidaa biyyaaleessaa Itoophiyaa kabachiisuuf tattaafatan uumuun cimee itti fufa jedhaniiru.

Kanneen leenjii kanarratti hirmaatanis yeroo leenjicha fudhatan walii walii isaanirra beekumsa qooddachaa hojii isaanii gara fuula duraaf itti fayyadamu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015