Itti quufinsa tajaajilaa human ibsaa hawaasaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Humna Ibsaa Itoophiyaa beeksise.

99

Onkoloolessa 28/2015(TOI) - Itti quufinsa tajaajilaa human ibsaa hawaasaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Humna Ibsaa Itoophiyaa beeksise.

Tajaajilichi karooraa waggaa 3 irratti marii foramii kominikeeshiniifi Miidiyaa geggeessa jira.Haala kennisa tajaajilaa isaa dorgomaafi kan maalirratti xiyyeeffate gochuuf kan gargaaru karoora haaraa bara 2015 hanga 2017 turu beeksisaa jirachuus beeksiseera.

Waltajjii marii kanarratti kan argaman hoji geggeessan olaanaa Tajaajilicha obbo Shifarraa Taliilaa itti quufinsa tajaajilaarratti jijjirama fiduuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.Keessaayyu tekinoliji fayyadamuun tajaajila laachuun xiyyeeffannoo kan argate yoo ta'u, humna aduu fayyadamuun himna ibsaa bali'insaan babali'usuuf sosochiin jalqabameera jedhaniiru.Gara fuula duraatti caalaatti qaqqabamummaa tajaajila kana babali'isuuf karoorri waggaa sadii qophaa'ee hojiitti galamuu himaniiru.Foramii Finfinneetti geggeeffama jiru kanarratti hoggantoonni miidiyaa mootummaafi dhuunfaa, akkasumas wajjira ministeerotaatti hoggantoonni kominikeeshinii hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015