Magaalichatti manneen barnootaa sirna barnootaa haaraa seeraan hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfiin ni fudhatama

71

Onkoloolessa 22/2015(TOI) - Magaalaa Finfinneetti manneen barnootaa sirna barnootaa haaraa seeraan hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta'uu Abbaan Taayitaa Barnootaafi to'annoo qulqullinaa leenjii beeksise.

Hojii geggeesituun olaantuu Abbaa Taayitichaa Hiwoot Gugsaa akka himaniiti magaalichatti manneen barnootaa 26 sirna barnootaa haaraa kana seeraan hojiirra hin oolchineef akeekkachiifne laatameera.

Magaalichaatti haala itti fayyadama afaan dhalootaafi sirna barnootaa haaraa hojiirra oolchuurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariyatameera.

Sirni barnootaa haaraan naamusaafi duudhaaleen biyyaaleessa bali'inaan waan keessatti hammatameef dhaloota ilaalcha walfakaataafi naamusaa gaarii qabu kan biyya isaa jaalatu uumuuf kan kaayyeeffatedha jedhaniiru.

Hogganaan biiroo barnootaa magaalichaa dokatar Zalaalem Mulaatuu '' sirna barnootaa ilaalcha buburree ta'ee qabu qabannee dhaloota ilaalcha walfakaataa qabu uumuu waan hin dandeenyeef waliigaluun ejjennoo tokkoon sirna barnootaa haaraa kana hojiirra oolchuu qabana'' jedhaniiru.

Hojii geggeesituun olaantuu Abbaa Taayitichaa Hiwoot Gugsaa akka himanitti sirna barnootaa duraan manneen barnootaa dhuunfaa tokko tokko beekamtii biiroo barnootaan ala kitaabolee ta'an irraa barsiisaa turan.

Dabalatanis sirna barnoota keessa hiri'isuu, afaaan afaan dhalootaan ala ta'e barsiisuufi rakkoon biroo uumaa turuu himaniiru.

Sirni barnootaa haaraan immoo rakkowaan turan kana furuuf kan qopha'ee waan ta'ee hojiirra oolmaa isaarrattis fooyyewaan gaariin jirachuu himaniiru.

Ta'uus garuu hordofii marsaa duraa taasifameen manneen barnootaa 26 akeekkachiifni laatamuu himaniiru.

Garaa fuula duraatti hordofiin cimaan kan taasifamu ta'uu himaniiru.

Itti aanaan hogganaa biiroo barnoota magaalaa Finfinnee obbo Adimaasuu Dachaasaa gama isaaniin sirna barnootaa haaraa barsiisuuf Afaanoota ittiin baratamaan irratti ogeeyyiin qophii gahaa taasisuun gara hojiitti galuu himaniiru.

Akkaataan sirna barnootichaan Afaan Amahaaraafi Oromoon kitaaboleen miliyoona sadi qophaa kan jira ta'uu himanii, haga ammaattis kitaaboleen miliyoona 1.2 rabsamuu himaniiru.

Ji'oota lama dhufanitti immoo kitaaboleen hafan kan rabsaman ta'uu himaniiru.Magaalicha keessa manneen barnootaa mootummaafi dhuunfaa 1500 ta'anitu jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015