Nuusa waggaatti galiin doolaara miliyoonaa 960 argameera.

81

Onkoloolessa 21/2015(TOI) - Bara bajataa 2015 keessaa nuusa jalqabaatti oomishalee gabaa alaatti ergaman irraa galiin doolaara miliyoona 959 fi kuma 759 argamuu Ministeerri daldalaafi walitti hidhamsa qaxanaa beeksise.

Ministeerichi gamagama hojii nuusa jalqabaa magaalaa Bahaar Daaritti geggeessaa jira.

Ministirri Daladalaafi Qindoomina Qaxanaa obbo Gabaramasqal Xaalaa nuusa bara bajataa kanatti oomishaalee adda addaa gabaa alaatti erguun galii doolaara biliyoona 1.1 argachuuf karoorfamuu himaniiru.

Weerara gareen shororkeessaa ABUT yeroo sadafaaf banee qolachaa hojii hojjeteen galii sharafa alaa milkaa'aa ta'e argachuus eeraniiru.

Haaluma kanaan karoora karoorfame keessaa harka 85.6 milkeessuun danda'ameera jedhaniiru.Oomishaalee biyya alaatti argaman keessaa oomisha qonnaa, Manufaakcharingii, Albuuda, Elektirikiifi kanneen biroo ta'uu himaniiru.

Bu'aa nuusa bara bajataa kanatti argame kana cimsuun gara fuula duraatti kan hojjetamu ta'uus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015