Itoophiyaafi Maqedooniyaan Kaabaa walittii dhufeenya dippilomaasii isaa caalaatti cimsuuf walii galan

56

Onkoloolessa 18/2015(TOI) - Itoophiyaafi Maqedooniyaan Kaabaa walittii dhufeenya dippilomaasii isaa caalaatti cimsuuf walii galan Ambaasaaddar Dammituu Hambisaa Pireezidaantii Maqedooniyaa kaabaa Siteevoo Pendiroovisikiitti xalayaa muudama isaanii laataniiru.

Yeroo kana biyyoonni lamaan walitti dhifeenya dippilomaasii qaban caalaatti cimsuuf waantoota barbaachisaniifi haala waqtaawaa Itoophiyaa irratti mariyataniiru.

Ambaasaaddar Dammituu Hambisaa haala waqtaawaa Itoophiyaa ilaalchisuun Pirezidaantiichaaf ibsa kan laataan yoo ta'u keessayyu haala nageenyaa irratti marii Afrikaa Kibbaatti jalqabamerratti ibsa kennaniifiru.

Mootummaan Itoophiyaa karaa nagaan walitti bu'insa jiru furuuf ejjennoo jabaa qabachuu kan ibsaniif yoo ta'u, mootummaan walitti bu'insa naannoo Tigiraay jiru karaa nagaa furuuf qophiidha jedhaniiru.

Pireezidaantii Maqedooniyaa Kaabaa Siteevoo Pendirooviksiin gama isaaniin ejjennoo mootummaan Itoophiyaa karaa nagaarratti qabu dinqisiifatanii, mariin nageenyaa Afrikaa Kibbaatti jalqabame akka milkiin xumuramuu abdii qabachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015