Godina Wallagga bahaatti tajaajiloonni hawaasaa addaan cittanii turan hojii jalqaban

55

Naqamte Mudde 24/2011 Magaalaa Naqamtee dabalatee godina Wallaggaa bahaatti addaan citanii  kan turan  tajaajiloonni hawaasaa  hojii jalqabuu isaanii waajjirri bulchiinsa godinichaa beeksise.

Tajaajiloonni kennaman addaan cituu isaaniitiin jireenya isaaniirratti dhiibbaa geessisee akka ture jiraattonni naannoo dubbataniiru.

Itti gaafatamaan waajjira bulchiinsa  godinichaa ob. Daargee Kabbadaa tajaajila oduu Itoophiyaatiif akka ibsanitti, Mudde 15 bara 2011 irraa eegalee magaalaa Naqamtee dabalatee aanaalee godinichaa tokko tokko keessatti  tajaajiloonni  hawaasaaf kennaman addaan cituun isaanii ni yaadatama.

Dhimma kana ilaalchisee Mudde 22/2011 magaalaa Naqamteetti marii taasifameen tajaajilli addaan cituun sirrii akka hin taanee fi rakkoon yoo jiraatellee walitti dhihaatanii hiikuun akka barbaachisu walii galteerra ga'ameera.

Waajjiraaleen mootummaa, manneen barnootaa, tiraanispoortii fi dhaabbileen tajaajila kennan kanneen biroon hojii idilee kennuu akka jalqaban itti gaafatamaan waajjira bulchiinsa godinichaa beeksisaniiru.

Ajajaan qajeelcha poolisii bulchiinsa magaalaa Naqamtee komaandar Girmaa Abdiisaa magaalichatti nagaan bu'aa waan dhufeef waanti hundi bakka duraatti deebi'uu isaa dubbataniiru.

Rakkoon kun lammata akka hin mudanne ummanni mootummaa cinaa hiriiruudhaan nageenya naannoo isaa mirkaneessuuf gumaacha isaa ba'uu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

Magaalaa Naqamtei ganda 7 keessa kan jiraatan ad. Saadiyaa Abdulqaadir yaada kennaniin, gabaa dabalatee tajaajiloonni hawaasaa addaan cituu isaaniitiin jireenya isaanii irratti dhiibbaa uumee akka ture ibsaniiru.

Baabura midhaan daaku dhabamuusaatiin miidhamuu isaanii fi namoota dhukkubsatan gara dhaabbilee fayyaa geessuun yaala akka argatan gochuuf rakkoon akka ture dubbataniiru.

Magaalaa Naqamtee kutaa magaalaa Daargee kan jiraatan ob. Mulugeetaa Birraatuu gama isaaniitiin dhaabbileen tajaajila kennan hojii dhaabuu isaaniitiin rakkoo guddaa dabarsuu isaanii dubbataaniiru.

Guyyootii darban walaba ta'anii socho'uun kan itti hin danda'amnee fi mirgi nagaan jiraachuu gaaffii keessa  gale akka tures dabalanii ibsaniiru.

Kanneen yaada kennan akka jedhanitti, fuulduraaf rakkoon akkanaa akka hinmudannee fi hawaasni rakkoo akkasiitiif akka hin saaxilamne mootummaa xiyyeeffannoo kennee hojjechuu qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015