Itoophiyaan qabsoo Qondaaltootaa waraanaa ishee guyyaa xiiqiin ni injifatti - Qondaaltoota Raayyaa Ittisaa

72

Onkoloolessa 16/2015(TOI) - Itoophiyaan qabsoo Qondaaltootaa waraanaa ishee guyyaa xiiqiin ni injifatti jedhan Qondaaltoonni Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa

Yeroo adda addaatti diina alaafi keessaa ishee mudateef jilbeeffattee kan hin beekne Itoophiyaan haga ammaattis biyya bilisummaa ishee eeggattee har'a geesse ta'uun ni beekama.

Kana ilaalchisuun qondaaltonni Raayyaa Ittisa Biyyaa TOI dubbise birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf,akkasuma nageenya uumma isheef jecha aarsaa kamiyyuu kanfaluuf raayyaan Ittisa Biyyaa qophii ta'uu himaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaa jechuun jaalalafi nageenya biyyaa jechuudha kan jedhan qondaaltonni kunneen Misoomaafi nagaa waaraa Itoophiyaa mirkaneessuuf Raayyichi haala gaariirra jiraachuu himaniiru.

Biyya koo haga wareegama lubbuu kootti nan tajaajila kan jedhan qondaaltonni kunneen kanaafis qophii ta'uu himaniiru.

Hunduu damee hojii irratti bobba'eerratti dirqama isaa bahuun misoomaafi giddina Itoophiyaaf hojjechuu qabas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015