Jiddu seentummaafi dhiibbaan Itoophiyaarratti taasifamu dinagdeen of danda'uuf tattaaffii isheen taasisaa jirtu gufachiisuufi - Ambaasaaddar Xurunee Zeenaa

104

Onkoloolessa 14/2015(TOI) - Jiddu seentummaafi dhiibbaan Itoophiyaarratti taasifamu dinagdeen of danda'uuf tattaaffii isheen taasisaa jirtu gufachiisuufi jedhan dippilomaatiin buleessi Ambaasaaddar Xurunee Zeenaa.

Waggootaa 30 oliif dippilomaatii ta'uun Itoophiyaa kan tajaajilan Ambaasaaddar Xurunee Zeenaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee damee dippilomaasiin bakka baay'ee hojjetaniiru.

Ambaasaaddar Xurunee Zeenaa haala waqtaawaa Itoophiyaafi idil addunyaa ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniiru.

Ambaasaaddar Xuruneen akka himanitti biyyoonni lixaa hedduun guddina biyyoota biroo kan hin barbaanne waan ta'een kallatti adda addaan tattaffii biyyoonni guddina isaaniif taasisan gufachiisu jedhaniiru.

Itoophiyaan biyya hin koloneeffatamnee ta'uun ishee, Baay'ina uummataafi bal'ina lafaa qabduun akkasuma fedhii ji'oo polotikaa gaanfa Afrikaa qabaniif biyyoonni lixaa ija shakkiin ilaalu jedhaniiru.

Biyyoonni Lixaa tokko tokko biyyoonni guddata jiran akka hirkatummaa dinagdee jalaa hin baane taasisuun kadhaadhan akka jirataan taasisuun kaayyoo isaan galmaan gahuuf hojjetu jedhaniiru.

Itoophiyaan akka kayyoo misoomii ishee akka hin milkoofne kan taasisuuf yaala jiraniifis kanaaf ta'uu ambaasaaddar Xuruneen himaniiru.

Kanaafis Itoophiyaarratti qoqqobbii dinagdee dabalatee dhiibbaa dippilomaasii taasisuun dadhabsiisuuf yaalaa jiraachuu ambaasaaddar Xurunee Zeenaa himaniiru.

Biyyoonni Lixaa mirga namoomaa erga meeshaa siyaasaa taasisanii turaniiru kan jedhan ambaasaaddar Xuruneen iyyi dhaabbileen kunneen jiddu kana iyyanis kanarraa kan maddedha jedhaniiru.

Dhaabbileen idil addunyaa tokko tokkoo erga waraana addunyaa lammaffaa asii biyyoonni addunyaa gar tokko kan ittiin kaayyoo siyaasaa biyyoota lixaa raawwachiisan ta'aniiru jedhaniiru.

Hoggantoota dhaabbilee kanneenis biyyoonni kunneen qoratanii kan galchaan yoo ta'u himanii kayyoon isaanii akka galma ga'uuf yoo barbaadabn biyyoota irratti akka duulan ni taasisu jedhaniiru.

Walitti bu'insoota uumuun cinaatti walitti bu'insoonni akka dheerataniifi maqaa deeggarsa namoomaan kayyoo dhakata isanii galmaan gahuuf itti fayyadamu jedhaniiru.

Garee shororkeessaa ABUT ilaalchisee ijennoon isaan geggeessaniifi ifaafi dhoksaan kan isaan deeggarsa taasisaniif gochaa garichaa jaalatanii osoo hin taane fedhii isaanii galmaan gahachuuf akka meeshaatti waan itti fayyadamaniifi jedhaniiru.

Kanaaf jiddu seentummaafi dhiibbaa dippilomaasii Itoophiyaarratti taasifamu damdamachuuf dursa humana keessoo ijaarachuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Dippilomaasiin agarsiistuu haala biyyaati kan jedhan ambaasaaddarichi wabii nyaataa mirkaneesuu, Ummata mootummaa cinaa hiriirsuu, humna dinagdeefi waraanaa ijaaruu kabajamuuf bu'uuradha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015