Itoophiyaanoonnifi dhalatoonni Itoophiyaa Xaaliyaan, Giriikfi Maaltaa jiraatan lammilee buqqa'aaniif kan oolu deeggarsa Yuuroo kuma 73 walitti qaban

63

Onkoloolessa14/2015(TOI) - Itoophiyaanoonnifi dhalatoonni Itoophiyaa Xaaliyaan, Giriikfi Maaltaa jiraatan lammilee sababa weerara garee shororkeessaa ABUT 'n qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqa'aaniif kan oolu deeggarsa Yuuroo kuma 73 walitti qabuun himame.

"Waamicha biyya keenyaa" mata duree jedhuun kaleessa sirni deeggarsicha walitti qabu karaa online geggeeffameera.

Sagantaa kana koree deeggarsa walitti qabuu Room, Xaaliyaanitti qindeesitootaa diffeendi Itoophiyaafi Xaaliyaanitti Imbaasii Itoophiyaatu waliin qopheesse jedhameera.

Sagantaa kanarratti Itoophiyaanoonnifi dhalatoonni Itoophiyaa Xaaliyaan, Giriikfi Maaltaa jiraataan lammilee buqqa'anii deeggarsa oolu yuuroo kuma 73 walitti qabuu ibsi Xaaliyaanitti Imbaasiin Itoophiyaa TOI'f erge ni muli'isa.

Xaaliyaanitti ambaasaaddarri Itoophiyaa Dammituu Hambisaa waamicha biyyaa fudhachuun miseensoota diyaaspooraa yeroo hundaa deeggarsa taasisaa jiran galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015