Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa odeeffannoo qaqqabaa taasisiisuun gumaacha taasisuun badhaasni galateeffannaa kennameef

70

Onkoloolessa 13/2015 (TOI) Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa odeeffannoo qaqqabaa taasisiisuun gumaacha taasisuun ministeera bishaaniifi Inarjiirraa badhaasni galateeffannaa kennameef.

Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa odeeffannoowwan oduufi oduun walqabatan afaan  addaddaan qopheessuun sadarkaa biyyaatti miidiyaalee addaddaatiin ummata qaqqabaa jira.

Ministeera bishaaniifi Inarjiirraa badhaafni galateeffannaa kaleessa taasifameef hidha haaromsaa guddicha dabalatee hojiiwwan damee kanaan hojjetamaniin odeeffannoo qaqqabaa taasisuusaan isaatiini.

TOIn miseensa mana maree dippilomaasii bishaaniifii sab quunnamtii walitti qabaa ministeerichaan hundeeffamee fi dhaabbileefi ogeeyyotaa kan of keessatti qabatee ta’uun gumaacha taasisaa jira.

De’eetaan ministiraa bishaaniifi Inarjii ambaasaaddar Asfaawu Diingaanoo badhaasa kana hojii raawwachiisaa TOI Seeyifee Darribeef kennaniiru.

TOI dabalatee dhaabbileen dame kanaa odeeffannoo qaqqabaa taasisaa jiran miidiyaaleen biyya keessaa badhaasni kun kennameeraaf.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015