Jiraattonni godinaalee Oromiyaa afur nageenya, birmadummaafi tokkummaa Itiyoophiyaaf akka dhaabbatan dubbatan

122

Onkoloolessa 12/205 (TOI)  Jiraattonni godinaalee Wallagga lixaa, Harargee lixaa, Oromiyaa Shawaa kaabaafi Iliiabbaabooraa nageenya, birmadummaafi tokkummaa Itiyoophiyaaf waliin akka dhaabatan mirkaneessan.

Jiraattonni naannoo Oromiyaa godinaalee addaddaa “Itiyoophiyaaf nan daabadha sagalee koos nan dhageessisa” jechuun hiriira nagaa taasisaniiru.

Jiraattonni godina Wallagga Lixaa jiddu seentummaa Itiyoophiyaarratti taasifamaa jiru mormuun akkasumas deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf qaban hiriira ummataa magaalaa Gimbiitti taasisaniin ibsaniiru.

Hiriirtonni kunneen gocha shororkeessummaa shaneefi ABUT biyya diiguuf taasisaa jiran mormaniiru.

Hiriirtonni dhaadannoowwan “Shororkeessaa ABUT fi shaneen diina keenya, osoo nuti jirruu biyyi keenya hin diigamtu, jiddu seentummaa biyya alaa biyya keenyarratti taasifamaa jiru ni mormina, gootichi raayyaa ittisaa abdii biyya keenyaati” jedhu dhageessisaniiru.

Godina Harargee Lixaatti magaalaa Cirootti hiriirri ummataa ergaawwan ‘Itiyoophiyaaf nidhaabanna’ jedhan of keessaa qaban adeemsifameera.

Kanneen hiriira kanarratti hirmaatan biyyoonni lixaa tokko tokko jiddu seentummaan Itiyoophiyaarratti raawwatan dhaabachuu qaba jechuun gaafataniiru.

Kana malees “shororkeessaa ABUT fi shanee ni balaaleffanna, deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf qabnu cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Hiriirri ummataa dhiibbaa biyyoonni lixaa Itiyoophiyaarratti taasisan  mormuufi shororkeessaa ABUT balaaleffatu godina Iluuabbaabooraa magaalaa mattuutti gaggeeffameera.

Kutaaleen hawaasaa addaddaa aanaalee godinichaa hundarraa dhufan hiriira kanarratti himaataniiru.

 Hiriirtonni dhaadannoowwan “Biyya abbootiin keenya dhiigasaaniin birmadummaashee kabachiisanii eeganii tursan nutis dafqa keenyaan utubnee itti fufsiifna, jiddu seentummaa biyyoonni lixaa biyya keenyarratti taasisan ni mormina, birmadummaa keenya irratti hinaraaramnu“ jedhan dhageessisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa magaalaa Ficheetti hiriirri jiddu seentummaan biyyoonni lixaa tokko tokko taasisan balaaleffatu gaggeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015