Fooramii Kantiibota addunyaarratti hirmaachaa kan jiran Kantiibaa Adaanech Abeebee kantiibotaafi gaggeessitoota biroo waliin mari’atan

167

Onkoloolessa 11/2015 (TOI)  Fooramii kantiibota addumyaa ‘C4”Arjentiinaa magaalaa Boonasayirasitti hirmaachaa kan jiran kantiibaan magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee kantiibotaafi gageesitoota addaddaa waliin maree gam lame taasisaniiru.

Kantiibaa magaalaa Landan Saadiiq Kahaan dabalatee kantiibota biyyoota garagaraa waliin dhimmoota waliin hojjechuun danda’amurratti bal’inaan mari’ataniiru.

Kana malees daarektara Afriikaa ‘C4’ Hastiingis Chiikokoo fi itti gaafatamaa dippaartimantii inarjii fi eegumsa naannoo Ameerikaa Daani’eel Kooner waliin mari’ataniiru.

Muuxannoowwan kaka’umsa mootummaa dinagdee Afriikaa irratti haalli qilleensaa dhiibbaa gaarii uumuu dandeessisan ilaalchisuun mari’ataniiru.

Kantiibonni magaalaa Akraa, Keeptaawun, Daakaar, Daareesalaam, fi magaalaalee Afriikaa gurguddoorraa dhufan kan hirmaatan yoo ta’u, Kantiibaa Adaanech Abeebee maree kanarratti muuxannoo Finfinnee qoodaniiru.

Magaalaan Finfinnee haala qilleensaaf mijataa kan ta’e sirna xuriin ittiin dhabamsiifamuufi deebifamee hojiirra oolu ijaartee sadarkaa addunyaatti badhaafamuunshee guddaa akka isaan gammachiisee fi Finfinneen akka Afriikaatti hundi keenya kan itti boonnu taateetti jechuun kantiibonni Afriikaa dubbataniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee turtiisaaniitiin kantiibaa Landan Saadiiq Kahaan waliin dhimma gam lamee irratti kan mari’atan yoo ta’u, Kantiibaan Saadiiq magaalaa Finfinnee akka daawwatan afeerraa Adaanecha Abeebee irraa dhihaateef fudhataniiru.

Kana malees daarektara Afriikaa ‘C4’ Hastiing Chikookoo waliin dhimmoota gam lameerratti mari’ataniiru.

Daarektarichi muuxannoo Finfinneetti gammaduusaanii akka ibsan odeeffannoon waajjira kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015