Guyyaan gaddaa fi sirni awwaalcha Dooktar Nagaasoo Gidaadaa mana mareen ragga’e - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan gaddaa fi sirni awwaalcha Dooktar Nagaasoo Gidaadaa mana mareen ragga’e

Finfinnee Ebla 25/2011 Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Sirna awwaalcha fi guyyaa gaddaa biyyoolessaa du'a pireezidaantii Itoophiyaa duraanii Dooktar Nagaasoo Gidaadaa labsamu irratti yaada murtee dhiyaate raggaasiise.
Manni Maree waltajjii addaa har'a gaggeesseen boru ganama reeffii isaanii biyya Jarmanii kan dhufu yoo ta'u, sirni awwaalcha isaanii sagantaa gaaddiddeessuu loltootaan kan raawwatamu ta'uu murteen darbeera.
Guyyaan gaddaa gara fuula duraatti beekkamu guyyaan gaddaa tokko kan labsamu ta'uus murtaa'eera.
Bu'uuruma murtee kanaan baasii guutuu sirna awwaalchaa mootummaan kan uwwisu ta'a jedhamee jira.
Reeffii isaanii sanbata ganama sa’a 12tti Boolee buufata Xayyaaraatii gara hospitaala Haayaat deemuun kan bulu yoo ta’u, Diilbata ganama keessaa sa’atii tokko irratti gara mana jireenyaa isaaniitti akka geeffamu beeksifameera.
Sirni awwaalchaa kun kabaja Dooktor Nagaasoon biyya isaanii tajaajilaa turaniin haala madaaluun sirni bal’aan akka jiru kan dubbatame yoo ta’u, Diilbata sa’atii 4:30tti gara galma miliiniyeemiitti deebi’uun du’a isaanii ilaalchisuun firoottanii fi jaallattoota isaaniin sirni ergaa dabarsuu ni raawwata.
Dooktar Nagaasoon Ministirummaan,Pireezidaantummaanii fi miseensummaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataan biyyaa fi ummata isaanii tajaajilaa turaniiru.
Mootummaan sirni awwaalcha isaanii haalaan akka raawwatuuf yaada murtii dhiyeesse miseensota Mana Maree Bakka Bu'ootaan fudhatama argateera.
Reeffi Dooktar Nagaasoo Gidaadaa booru gara biyyaa kan galu yammuu ta'u, sirni awwaalcha isaanii Dilbata sa'aa 9tti magaalaa Finfinnee, Pheexroos Wa/ Phaawloositti raawwatama.