Dhaabbileen ijaarsa dargaggoofi Dubartootaa tokkummaa sabdaneessumaarratti mariyatan

60

Onkoloolessa 9/2015(TOI) - Dhaabbileen ijaarsa dargaggoofi Dubartootaa tokkummaa sabdaneessumaarratti hubannoo gaarii akka qabaataniif waltajjiin marii leenjii leenjistootaa magaalaa Adaamaatti taa'ameera.

Guyyaaa Saboota, Sabalamootaafi uummatoota Itoophiyaa Sadaasa 29/2015 'Tokkummaa sabdaneessummaa nageenya waaraaf' mata duree jedhuun kabajamurrattis mariyataniiru.

Marii kanarratti naannoleefi bulchiinsota magaalotaa hundaarraa dhaabbileen ijaarsa dubartootaafi dargaggootaa hirmaataniiru.

Itti aantuu mana maree federeeshinii aadde Zaaraa Humad waltajjii kanarratti akka himanitti, dargaggoonni yaada bu'uuraa Federaalizimii sabdaneesummaa irratti hubannoo gaarii qabaachuu qabu.

Marii kun sirna federaalizimiifi nageenya waaraa irratti gahee dhaabbilee ijaarsa dubartootaafi dargaggootaa guddiuus kan irratti xiyyeeffatedha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015