Warshaan keebilii Doolaara miiliyoona 40n Ijaarame eebbifame

72

Eebla 24/2011 Yuuroo Keebil warshaa keebilii dabarsa elektiriikaa Nannoo Oromiyaa magaalaa Duukamitti Doolaara miiliyoona 40n ijaarsise ebbisiise. 

Sirna Eebbaa kana irrattis Anga'oonii motummaa Olanoonii fi Ambassadaronnii argamani jiru. 

Dhaabbaticha kan hundeessan abbootii qabeenyaa Ityoophiyaa fi Tuurk yemmuu ta'an, ALI bara 2000 irraa eegalee oomisha keebiliirratti hojjechaa turaniiru. 

Warshaan har'a ebbifame oomisha dhaabbatichaa dachaa 3 ni dabala jedhameera. 

Dhaabbatichi kanaan dura keebiloota voolteejii xiqqaa dabarsan oomishaa kan turee yoo ta'u amma garuu keebiloota lafa keessa awwaallamanii fi balaa dandamachuu danda'an, keebiloota teeleekoominikeeshinii, keebilii daataa fi saatalaayitii oomishuutti ce'eera. 

Waggaa 10 dura kaappitaala Birrii miiliyoona 55 fi hojjettoota 30n hojii kan eegale yemmuu ta'u, yeroo ammaatti namoota 200f carraa hojii uumee kaappitaala Birrii miiliyoona dhibba ja’aa fi miiliyoona 80 horachuu danda’uun isaa himamera.    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015