Tarkaanfii Ittisaa Kaaba Itoophiyaatti fudhatamaa jiru ilaalchise ibsa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarra kenname.

66

Onkoloolessa 7/2015(TOI) - Tarkaanfii Ittisaa Kaaba Itoophiyaatti fudhatamaa jiru ilaalchise ibsa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarra kenname.

Gareen Shororkeessaa ABUT Hagayya 18, bara 2014 eegalee humna guutuun haleellaa banuu hordofee ibsa ba’e ta’uu yaadachiiseera.

Kunis waliigaltee dhukaasa dhaabuu gamtokkee mootummaan Itiyoophiyaa taasiise kan cabse ta’uu eereera.

Gareen Shororkeessaa ABUT tattaaffii marii nageenyaa mootummaa cinaatti dhiisuun waggaa lama keessatti yeroo 3ffaaf gara walitti bu’iinsaatti seenuu himeera.

Haleellaan yeroo 3ffaaf bane kun marii nageenyaa karaa Gamtaa Afrikaan taasiifamuuf Mootummaan iddoo kamittuu haal duree tokko malee mari’achuuf, qophii ta’uu erga ibsee booda haleellaa baname akka ta’e ibseera.

Xaalayaan garichi qaamolee idil addunyaa garaagaraaf barreesse haleellaa banuuf fedhii qabaachuu ifatti kan agarsiisu ture.

Yaa ta’uutii miidhaa yeroo ammaa qaqqabe hundaaf kan itti gaafatamu ABUT ta’uu eereera.

Yeroo fi iddoo argannaan ammas haleellaa biroof karoora qabaachuu ibsi tibbana baase kan akeeku ta’uu himeera.Raayyaan Ittisaa Biyyaa hojimaata sirna qabuufi seerota namoomaa Idil addunyaan ragga’aniin kan bulu ta’uu Mootummaa ifa taasisuu barbaada.

Lammiileen nagaan akka hin miidhamne ittisuuf jecha Raayyaan Ittisa Biyyaa waraanni magaalota keessatti akka hin gaggeeffamne eegannoo taasisaa jira.

Kun hojirraa akka ooluuf ajajoota addaa waraanatti argamaniif qajeelfamni darbeera.

Naannawwan to’annaa Mootummaa jala jiran bifa foyya’aan deeggarsa namoomaa dhiyeessuun akka danda’amufi nageenyi hojjeettoota akka eegamu Mootummaan dhaabbilee deeggarsa waliin hojjeechuuf qophiidha.

Gareen ABUT lammiilee nagaa akka raayyaa waraanatti fayyadamuufi muxannoo dhaabbilee sivilii akka buuftaa waraanaatti gargaaramuu qaba.

Kanaafuu, ummanniifi hojjettoonni hojii deeggarsaa hojjetan dhaabbilee loltummaa ABUT irraa akka of fageessan Mootummaan Itiyoophiyaa waamicha dhiyeessa.

Mootummaan hojjettoota hojii deeggarsaa hojjetan dabalatee lammiilee nagaa kamirraatti miidhaa gahaa jiruuf gaddaa itti dhagahame ibseera.

Dhugaa jiru beekuufi deeggarsa itti fufaan dhaqqabuusaa mirkaneessuuf miidhaawwan gahan ni qulqulleeffamu.

Mootummaan nageenya lammiilee Naannoo Tigraayitti argamanii eeguuf dirqama heera Motummaan itti kenname bahachuuf qophaa’ummaa qabu gamanuman ni mirkaneessaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015