Jilli Doktar Abiy Ahimadiin durfamu Aanaa Xagadeetti Atara kilaastaraan misoomaa jiru daawwatan.

88

Onkoloolessa 7/2015(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Godina Giddu Gala Gondar Aanaa Xagadeetti Atara kilaastaraan misoomaa jiru daawwatan.

Daawwannaa misooma Ataraa kanarratti Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin akkasuma hoggantoonni olaanoon Mootummaa federaalaa fi naannolees argamaniiru.

Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaa dabarsaniin " Naannoo Amahaaraatti oomishitummaa guddisuuf hojii hojjetamaa jiruun Ataraa bal'inaan oomishuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira.

Godina Giddugala Gondoritii oomisha Ataraa kilaasteeraan lafa heektar 38,000 irratti misoome daawwanneera. Aanaa Xagadee Adisaalamitti Akurii Atarii lafa heekatar 12,000 irratti oomishame daawwanneera. Oomishinni argame baay'ee jajjabeessaadha. Milkaa'inni oomisha qamadiirratti arganne oomisha biroorrattis akka itti fufu kan muli'isudha. Wabii midhaan nyaata biyya keenyaa mirkaneessinee yeroon itti oomisha keenyaan gabaa alaarratti hirmaannu dhihoodha" jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015