Odeeffannoowwan tajaajilli Istaatiistiiksii baasu sadarkaa idil addunyaa kan eeggatan akka ta’an hojjetamaa jira.

100

Onkoloolessa 07/ 2015 (TOI) Odeeffannoowwan tajaajilli istaatistiiksii baasu sadarkaa idil addunyaa kan eeggataniifi qulqullina guutuu kan qabaatan akka ta’an hojjechaa akka jiru ibse.

Tajaajilichi komishinii dinagdee mootummoota gamtoomanii, divijinii Istaatistiksii dhaabbata mootummoota gamtoomanii, waldaa ogeessota Istaatistiiksiifi Yuunivarsiitii Finfinnee waliin ta’uun karaa qulqullinni odeeffannoon Istaatistiiksiin eegamurratti qaamota dhimmi ilaaluuf leenjii kennaa jira.

Hoggantoonniifi hojjettoonni waajjira tajaajila Istaatistiiksii Itiyoophiyaa akkasumas itti gaafatamtoonni waajjiraalee damee naannoo leenjii kanarratti hirmaataniiru.

Kaayyoon leenjii kanaa qaamoleen odeeffannoo walitti qaban odeeffannoo wayita sassaaban, wayita hiikoo itti kennaniifi wayita tamsaasanitti qulqullinarratti xuiyyeeffatanii akka hojjetan hubannoo kennuufi jedhameera.

Qulqullina odeeffannoo eegsisuun alatti sirni haalli sirna Istaatistiksii ittiin qajeelfamuufi to’annaan itti taasifamu hubachiisuunis qaama leenjii kanaati.

Daarektarri olaanaa tajaajila Istaatistiksii Birraatuu Yiggazuuakka jedhanitti, odeeffannoon qulqullina qabu murtee qulqullina qabu dabarsuuf murteessaadha.

Kanaaf ammoo dandeettii ogeessotaa guddisuufi beekumsa yeroosaa eeggate hidhachiisuuf hojii boruuf hin jedhamne ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf tajaajilichi odeeffannoo Istaatistiiksii idil addunyaa qulqullina qabu sassaabuuf, hiikoo itti kennuufi tamsaasuuf qooda fudhattoota waliin ta’uun leenjii kennaa akka jiru ibsaniiru.

Dabalataanis hojii kana itti fufsiisuuf jiddu galeessa leenjii qopheessaa akka jiru ibsaniiru.

Leenjiin boodas odeeffannoowwan Istaatistiiksii imaammata biyyaaf ka’umsa ta’an qulqullinaan maddisiisuuf, hiikoo itti kennuufi tamsaasuuf galteen guddaan akka irraa argamu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015