Nuusa jalqaba waggaa bajata baranaatti galiin birrii biiliyoona 93 ol sassaabame

76

Onkoloolessa 07/ 2015 (TOI) Ministeerri galii nuusa waggaa jalqaba bajata baranaatiin galii birrii biiliyoona 93 ol sassaabuusaa beeksiseera.

Ministeerichatti itti gaafatamaan adeemsa hojii hordoffiifi gamaaggama karooraa Tamasgeen Tasammaa, bara bajataa baranaa galii birrii biiliyoona 450 ol sassaabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Taaksii biyya keessaarraa birrii biiliyoona 266 tuqaa 9, daldala al ergii qaraxa gumuruukaarraa ammoo birrii biiliyoona 183 ol sassaabuuf karoorfamuusaa ibsaniiru.

Nuusa jalqabaa bara bajataa kanatti galiin birrii biiliyoona 93 sassaabamuusaa dubbataniiru.

Galiin kun kan waggaa darbee yeroo wal fakkaataa waliin wal cinaatti yoo ilaalamu birrii biiliyoona 23 olcaalmaa akka qabu ibsaniiru.

Galiin walitti qabame biyya keessaafi qaraxaafi taaksii daldala al ergiirraa ta’uu ibsaniiru.

Hojmaata haaraa teekinooloojiirratti hundaa’e kan ministeerichi qopheesse bu’uureffachuun hawaasni daldalaa gibira salphaatti kafaluu danda’uunsaa galiin akka dabalu kan taasisan keessaa kun tokko ta’uu dubbataniiru.

To’annoofi hordoffiin bittaafi gurgurtaa sobaa irratti taasifamu cimaa ta’uunsaa dabaluu galiif gumaacha akka qabu eeraniiru.

Galiin waggoota shaman darban sassaabamu daballii olaanaa akka qabu kan eeran itti gaafatamaan kun, walumaa gala kafaltoonni gibiraa jiddu galeessaafi xiqqaakuma 50 ol akka jiran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015