“Alaabaa dhiiga keenyaan kabachiisne dafqa keenyaan ol kaasna”

83

Onkoloolessa 7/2015(TOI) - Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa, Guyyaa Alaabaa marsaa 15ffaa guutuu biyyaatti kabajamaa jiruu ilaalchisuun ibsa baaseen, Alaabaa dhiiga keenyaan kabachiisne dafqa keenyaan ol ni kaasna jedheera.

Wayita ayyaanicha kabajnu biyya dhiigaan eegnee tursiisne dhiigaafi dafqa keenyaan bu’uura cimaa irratti ijaaruu qabna jedheera.

Alaabaan mallattoo biyyaa ta’uu eeruun, gootonni biyyattii Alaabaa isaanii qabatanii wareegama kaffalaniiru.

Addunyaarratti injifannoo isaanii ittiin muli'isaniiru. Alaabaan kun daa'imaa hamga nama guddaatti labee hundaa keessa jira jedheera.

Alaabaan Itoophiyaa seenaa waloo keenyaa,tattaaffii keenya har'aafi abdii boruu keenyaa akkasuma tokkummaa biyyaalessaaa keenya qindeessee kan qabatedha jedheera.

Alaabaa gootonni dirree waraanaatti dhiigaan kabachiisan, qabsoo misoomaa irratti dafqa keenyaan biyyattii ol kaasuuf hundinuu damee irratti bobba’e jiru irratti gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu Tajaajilli Komuunikeeshinii Mootummaa dhaameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015