Hogganaan Ejeensii odeeffannoo Sudaan Mejeral jeneraal Mahaammad Alii Ahimaad gita isaanii Itoophiyaa waliin dhimma nageenyaarratti mariyatan

63

Onkoloolessa 7/2015(TOI) - Hogganaan Ejeensii odeeffannoo Sudaan Mejeral jeneraal Mahaammad Alii Ahimaad gita isaanii Itoophiyaa waliin dhimma nageenyaarratti mariyatan

Hogganaan Ejensii Odeeffannoo Sudaan daawwanna hojii Itoophiyaatti taasisaniin dhimmoota nageenyaa biyyoota lamaanirratti maree bu'a qabeessa taasisuu himaniiru.

Gara fuula duraattis kan kanaan duraa caalaa gama fooyyee qabuun dhaabbileen odeeffannoo biyyoota lamaanii waan waliin hojjechuu qaban irrattin mariyatanii waliigalaniiru.

Mejer jeneraal Mahaammad Alii Itoophiyaafi Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa simannaa taasisaniifiif galateeffataniiru.

Walitti bu'insa irra deddeebiin daangaa biyyoota lamaanii jidduu mudachaa jiru furuuf qophii ta'uu himaniiru.

Mootummaan Sudaan waan mootummaafi Uummata Itoophiyaa miidhu kamirrattiyyuu kan hin hirmaanne ta'uus eeraniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaatti bakka bu'aan Odeeffannoofi qajeelchaa gama isaanii biyyoonni lameen daangaa waloo qabaachuu bira darbee uummata aadaafi seenaa waliin qooddatu'us gareen shororkeessaa ABUT waggoota dheeraaf rakkoon biyyoota lamaan jidduutti akka mudatu hojjechaa ture.

Kana booda rakkoon akka hin mudanneefi kanneen kanaan dura mudatanis waloon furuuf qophii ta'uu akka himan ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa biyyarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015