Manni maree magaalaa Finfinnee muudama addaddaa raggaasise

69

Fulbaana 04/ 2015 (Toi)  Manni maree magaalaa Finfinnee muudama addaddaa raggaasiseera.

Kantiibaan magaalaa Fifinnee Adde Adaanech Abeebee kaadhimamtoota mana marichaaf dhiheessaniiru.

Haala kanaan,

1. Doktor Qana’aa Yaadataa itti gaafatamaa biiroo maanajimantii misooma lafaa,

2. Obbo Mitikkuu Asmaaree itti gaafatamaa biiroo geejjibaa ,

3. Adde Liidiyaa Girmaa itti gaafatamtuu biiroo nageenyaa,

4. Adde Habiibaa Siraaj itti gaafatamtuu biiroo taakiniikaa ogummaafi leenjii,

5. Doktor Jamaaluu Janber komishinara komishinii qindeessaa hirmaannaa ummataafi tola ooltummaa,

6. Obbo Jamaal Radii komoshinara komishinii farra malaammaltummaa

ta’uun akka muudaman adde Adaanech Abeebee mana maree magaalaaf kan dhiheessan yoo ta’u, manni maree kun muudama dhihaate raggaasiseera.

Muudamtoonnis mana maree fuulduratti dhihaatanii kakuu raawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015