Gareen dippilomaasii magariisaa ambaasaaddar Hasan Abdulqaadiriin durfamu Jibutii gale

112

Onkoloolessa 04/ 2015 (TOI)  Jilli dippilomaasii magariisaa ministira qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii waajjira ministira muummee ambaasaaddar Hasan Abdulqaadiriin durfamu  har’a Jibutii galeera.

Gareen kun buufata xiyyaaraa idil addunyaa Jibutii wayita ga’u ministirri qonnaa biyyattii Ahmad Mahaammadii Awaalehiifi gaggeesitoonni ministeerichaa olaanoon, Jibutiitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayeefi gaggeessitoonni embaasichaa simataniiru.

Gareen kun turtii isaatiin paabiliik dippilomaasiiobbolummaa Afriikaafi michooma biyya ollaa cimsan akka raawwatuibsameera.

Itiyoophiyaan ollaasheefi  afriikaanota hunda waliin waliigaltee qabdu karaa dippilomaasii paabiliikiis bal’isuuf hojjechaa jirti.

Gareen dargaggootaa har’a Jibutii gale dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa obbolummaa Afriikaa cimsu ni taasisa.

Dhimmoota hariiroo ummatoota biyyoota lamaanii cimsu bakka bu’oota Jibutii waliin akka mari’atu eegama.

Gareen dippilomaasii magariisaa dargaggootarraa walitti baba’e kaayoo wal fakkaatuuf Sudaan kibbaa Jubaa galuunsaa ni beekama.

Biyyoonni dippilomaasii magariisaa walta’iinsa gama eegumsa naannoo, jijjiirama haala qilleensaafi misooma egeree cimsuuf yaada dippilomaasii itti fayyadamanidha.

Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaa biyyoota ollaaf biqiltuu kennuudhaan walitti dhufeenya cimsuuf hojjechaa jirti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015