Sagantaa ashaaraa magariisaa Itoophiyaa gara biyyoota ollaatti babaali'isuuf hojii hojjetamaa jiruun sagantaan biqiltuu dhaabuu Jubaatti geggeeffame. - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa ashaaraa magariisaa Itoophiyaa gara biyyoota ollaatti babaali'isuuf hojii hojjetamaa jiruun sagantaan biqiltuu dhaabuu Jubaatti geggeeffame.
Onkoloolessa 4/2015(TOI) - Sagantaa ashaaraa magariisaa Itoophiyaa gara biyyoota ollaatti babaali'isuuf hojii hojjetamaa jiruun sagantaan biqiltuu dhaabuu Sudaan Kibbaa magaalaa Jubaatti geggeeffame.
Waajjira Ministira Muummeetti qindeessaan ministira ijaarsa sirna dimokiraasii obbo Zaadig Abirihaa akka himanitti, Itoophiyaan ashaaraa magariisaa Afrikaaf fakkeenya gaarii ta'ee geggeessaa jirti.
Ashaaraan magariisaa kun rakkoo sababa manca'uu qabeenya umaaman jijjirama qilleessaa yaaddeessa ta'ee addunyaa mudate ittisuuf kan ooludha jedhaniiru.
Itoophiyaafi Sudaan kibbaa michummaan isaanii kan jalqabe yeroo Sudaan Kibbaa qabsoo bilisummaa geggeessaa turterraa jalqabee yoo ta'u Itoophiyaan nageenyi waraanaan biyyatti keessa akka jiraatu deeggarsa walirraa hin cinne taasisaa turteetti jedhaniiru.
Ministirri Dargaggoofi Ispoortii Sudaan Kibbaa doktar Alibinyaa Anto'itoo seenaa keessatti Itoophiyaan fakkenyummaan isheen Paan Afrikaa keessaatti raawwattee yeroo hundaa seenaan kan yaadatudha.Sudaan kibbaa dhimmoota hedduurratti Itoophiyaa waliin dhiheenyaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Sudaan Kibbaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Nabil Mahaadii gama isaaniin sagantaan ashaaraa magariisaa Itoophiyaatti hojjetama jiru malikaa'inni hedduun irraa argamuu himaniiru.
Mikaa'inni biyya keessatti argame kun gara biyyoota ollaa akkasuma gara artiitti yoo babbali'ate tokkummaa ardichaag gahee olaanaa qaba jedhaniru.Sagantaa kanaan biqiltuun 500 ol kan dhaabaman yoo ta'u mariin dargaggoota sudaan kibbaafi Itoophiyaas geggeeffameera.