Godina Gujiitti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 3 hirmaannaa uummataan ijaaraman tajaajila laachuu jalqabuu waajjirri barnootaa godinichaa beeksise.

87

Onkoloelessa 3/2015(TOI) - Godina Gujiitti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 3 hirmaannaa uummataan ijaaraman tajaajila laachuu jalqabuu waajjirri barnootaa godinichaa beeksise.

Waajjirichatti qindeessaan garee qulqullina barnootaa obbo Maatiyaas Goobanaa manneen barnoota kunneen aanaa Uraagaafi Annaasorraatti jedhaniiru.

Manneen barnootaa kunneen manneen kitaabaa 3, kutaalee barnootaa 12 fi kutaalee w bulchiinsa manneen barnootichaa of keessaa qabu jedhaniiru.

Manneen barnootaa ijaaraman kun bara kana baratoonnii 600 ol osoo bakka jireenyaa isaaniirraa hin fagaatiin barnoota isaanii sadarkaa 2ffaa akka hordofan taasiseera jedhaniiru.

Manneen barnootaa hirmaannaa uummataan ijaaramee kun ijaarsa isaaf baasiin birrii miliyoona 10 caaluu bahuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015