Fooramii Xaanaa 10ffaan akka milkaa’u gochuuf qophiin ga’aan taasifamuu ministeerri dhimma alaa ibse

87

Onkoloolessa 3/ 2015 (TOI) Foramiin seekuriitii olaanaa Xaanaa 10ffaa milkeessuuf qophiin ga’aan taasifamuu ministeerri dhimma alaa ibseera.

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Mallas Alam ibsa torbanii kennaniiru.

Ibsa kennaniin qophii Foramii Xaanaa 10ffaa Sanbata dhufu magaalaa Bahaardaaritti adeemsifamuufi dhimmoota dippiloomaasii magariisaa ilaallatan irratti ibsa kennaniiru.

Yaa’iin Onkoloolessa 4 amma 6tti adeemsifamurratti hoggantoonni biyyoota sadii akkasumas hoggantoonni kanaan duraa ni argamu jedhaniiru.

Fooramiin xaanaa 10ffaa akka milkaa’u qoodha fudhattoota waliin qophiin ga’aan taasifamuusaa dubbataniiru.

Dippilomaasii magariisaa ilaalchisee biyyoota olla waliin qindaa’uun akka adeemsifamu ibsanii, biqiltuu dhaabuun biyyoota Afriikaa jaaha keessatti ni adeemsifama jedhaniiru.

Sudaan kibbaa, Sudaan, Jibutii, Somaaliyaa, Ruwaandaa fi Keeniyaatti biqiltuun akka dhaabamu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015