Qophiin yaa’ii bulchiinsa marsariitii Itiyoophiyaan Sadaasa dhufu adeemsiftuuf taasifte dinqisiifatame

79

Onkoloolessa 3/2015 (TOI) Qophiin yaa’ii bulchiinsa marsariitii Itiyoophiyaan Sadaasa dhufu adeemsiftuuf taasifte dinqisiifatame

Seekireetaariyaatiin yaa’ii bulchiinsa marsariitii dhaabbata mootummoota gamtoomanii Itiyoophiyaan yaa’ii kana adeemsisuuf qophiin taasisaa jirtu ilaalchisee qopheessitoota yaa’ichaa waliin marii taasiseera.

Seekireetaariyaatiin yaa’ii bulchiinsa marsariitii dhaabbatichaa anga’oota ministeera Innoveeshiniifi teekinooloojiifi koreewwan qopheessitootaa waliin mari’ateera.

Yaa’ii bulchiinsa marsariitii addunyaa Itiyoophiyaan Sadaasa dhufu qopheessituuf koreewwan dhaabbilee addaddaarraa baba’an qophii taasisaa jiru.

Jilli sekireetaariyaatii yaa’ii bulchiinsa marsariitii mootummoota gamtoomanii koreewwan kanneen waliin mari’achuusaa ministeerriInnoveeshiniifi Teekinooloojii beeksiseera.

Hojiiwwan amma ammaatti hojjetaman dhihaatanii irratti kan mari’atame yoo ta’u, qophii Itiyoophiyaan taasifte jilli kun dinqisiifateera jedhameera.

Walitti qabaan koree biyyaalessaafi ministirri Innoveeshiniifi teekinooloojii Dr. Ballaxaa Mollaayaa’iin kun akka milkaa’u qophiin barbaachisaan taasifamaa akka jiru odeeffannoon ministeericharraa argame eereera.

Gareen kun itti aansuun miseensota paarlaamaa Itiyoophiyaafi koree gorsaa bulchiinsa marsariitii addunyaa  waliin akka mari’atu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015