Ministeerii Hojiifi Ogummaa fi Ministeerri Qonnaa waliigaltee hojiirra oolmaa karoora waloo waliif mallayeessan.

136

Onkoloolessa 2/2015(TOI) - Ministeerii Hojiifi Ogummaa fi Ministeerri Qonnaa hojiirra oolmaa karoora waloo waliif mallayeessan.

Waliigaltichas Minstira Qonnaa obbo Umar Huseen fi Ministira Hojiifi Ogummaa aadde Mufaarat Kamiil mallateessaniiru.

Qorannoo gabaa, Qonnaa, Tekinolojiifi leenjii gahumsaa, Qonnaafi nageenya hojii qonnaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee dandeesisu ta'uu aadde Mufaarat Kamiil himaniiru.

Keessayyuu haojiin qonnaa tekinolojiin kan deeggaramefi beekumsarratti hundaa'ee himana namaa hojjetu akka qabaatu taasisuuf ministeerichi xiyyeeffannoo kan hojjetu ta'uu himaniiru.

Damee hojii qonnaarratti ilaalchi hoji uumtummaa akka guddatufi hojiin qonnaa tekinolojiin kan deeggarame akka ta'u waliigalticji gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Obbo Umar Huseen gama isaaniin waliigaltichi rakkoowwan sektarri qonnaa qabu furuu keessatti waliigaltichi gahee olaanaa bahuu kan danda'udha jedhaniiru.

Hojii qonnaa tekinolojiin deeggaruuf hojii hojjetamaa jiru caalaatti kan milkeessudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015