Saaxilamummaa balaa hiri'isuuf imamaata baastoonni, Ogeeyyoonniifi hawaasinni hubannoo gahaa qabaachuu qabu - Komishinicha

112

Onkololessaa 2/2015(TOI) - Itoophiyaatti Saaxilamummaa balaa hiri'isuuf imamaata baastoonni, Ogeeyyoonniifi hawaasinni hubannoo gahaa qabaachuu akka qabu komishiiniin hoggansa sodaa balaa Itoophiyaa beeksise.

Yaa'iin saaxilamummaa balaa hiri'isuu akka addunyaati yeroo 31ffaaf akka biyyaatti immoo yeroo 13ffaa geggeeffamu, mata duree ''Odeeffannoo ofeeggannoo duraa deebii waa hedduuf'' jedhuun Jimaata dhufu naannoo Somaalee magaalaa Jijjigaatti ni geggeeffama.

Komishiinerri Itti aanaa Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa Itoophiyaa Nasibuu Yaasin TOItti akka himanitti, hongee, lolaa, weeraa hoomaa awwaannisaa, walitti bu'insaafi rakkoowwan biroon lammileen rakkachaa jiru.

Naannolee Somaalee, Oromiyaa, Kibbaafi Affaaritti hongee mudateen, Kaaba Itoophiyaatti walitti bu'insa gareen shororkeessaa ABUT uumeen jiruufi jireenyii lammilee jeeqamuun akka godaanaan taasisaa jira.Itoophiyaan balaawaan nam-tolcheefi umamaan midhaamtus nageenya lammilee eegsisuuf sagantaa saaxilamummaa balaa hiri'isuun jijjiramoota hedduu fiduun lubbu lammilee hddu baraarteetti jedhaniiru.

Bara 2014 qofaa birkaa bishaanii hojjechuun hawaasni misooma jallisiitti akka fayyadamu taasisuunifi hojii kununsaa biyyeefi bishaanii hojjechuun lammileen kuma 146 saaxilamummaa sodaa balaa jalaa akka bahan taasifameera jedhaniiru.

Lammileen Itoophiyaa haala jiruu hawaasummaa isaanii osoo gad hin dhiisiin Saaxilamummaa balaa hiri'isuuf imamaata baastoonni, Ogeeyyoonniifi hawaasinni hubannoo gahaa qabaachuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015