Guyyaan dhaloota Jeneraala Taaddasaa Birruu waggaa 100ffaan kabajamuuf

320

Onkololessa 2/2015(TOI) - Fawundeeshiniin Jereraal Taaddasaa Birruu guyyaa dhaloota Jeneraala Taaddasaa Birruu waggaa 100ffaa sirna garaagaraan kabajuuf akka jiru beeksise.

Fawundeeshinichi kabaja guyyaa dhalootaa kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laateera.

Ibsa kanaanis kaayyoon kabaja ayyaanichaa dhaloonni har'aa seenaa jeneraala Taaddasaa Birruu hubachuun gochaa gootummaa isaanii akka hordofuufi jedhameera.

Dabalataanis gargaarsa fawudeeshinichaaf yaadamees akka ta'e himameera.

Jeneraala Taaddasaa Birruu hojii barnootaa babbali'isu keessatti gahee yoom illee hin dagatamne bahuu isaanii ibsa kanaan eerameera.

Guyyaan dhalootaa kunis Onkololessa 13 irraa jalqabee guyyoota 4 walitti aananii jiraniti kabajama jedhameera.

Kabajaan ayyaanichas sirna garaagaran kan raawwatamu yoo ta'u, eebbaa seenaa Kitaabaa jeneraala Taaddasaa Birruu,Figichaa daandiirraa,TV irraatti gaaffii fi deebii qaama miidhamtootaa akkasuma agarsiisaa suuraa of keessaa akka qabu himameera.

Jeneraal Taaddasaa Birruu ''Kan barate mirga isaa gaafata!'' dubbii jedhuun ni beekamu.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015