Godinichatti Daldalli Bunaa Kontirobaandiirraa Bilisa Akka Ta’u Yaaliin Taasifame Bu’aa Fideera.

209

Onkoloolessa 2/2015 (TOI) Godina Wallaggaa lixaatti daldala bunaa kontirobaandiirraa bilisa gochuuf yaaliin taasifameen bu’aan argamuunsaa ibsame

Bara Oomishaa 2014 bunni toonii kuma 30 gabaa oomisha bunaa Itiyoophiyaaf dhihaachuusaa waajjirri daldalaa godinichaa beeksiseera.

Itti gaafatamtuun waajjirichaa Adde Mariimaa Kaliifaa TOIf akka ibsanitti, madda galii qonnaan bulaa godinichaa kan ta’e oomishaafi oomishtummaa bunaa guddisuuf hojiiwwan addaddaa hojjetamaa turaniiru.

Kanaanis waggoot adhihoo asitti qonnaan bultoonni godinichaa oomisha bunaarraa fayyadamaa dhufaniiru jedhaniiru.

Keessumaa daldalli bunaa godinichatti kana dura irra caalaa kontirobaandiifi seeraan alaan akka ture dubbataniiru.

Daldaltoonniifi dhiheessitoonni eyyama seeraa qaban qofti akka hirmaatan yaalii taasifameen bunni godinicharraa oomisha gabaa Itiyoophiyaaf dhihaatu dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Godinicha aanaalee 23 irraa daldaltoonni seera qabeessi oomisha gabaaf buna dhiheessaa akka jiran dubbataniiru.

Haala kanaan bara 2013 bunni toonii kuma 25 fi 111 godinicharraa oomisha gabaaf akka dhihaate yaadatanii, bara 2014 bunni qulqullinasaa eege kan hinmiicamne toonii kuma 29 fi 147 fi kan miicame toonii 82 oomisha gabaaf dhihaateera jedhan.

Godinichatti daldalaa bunaa kan ta’an ob. Mul’ataa Jaafar qonnaan bulaa naannoorraa buna gatii madaalawaan bituun oomisha gabaaf akka dhiheessan dubbataniiru.

Kun ammoo qonnaan bulaan bu’aa bayii malee buna isaanii gatii fooyya’aan akka gurguran isaan taasisuu himaniiru.

Hojii gaggeessaan waldaa hojii gamtaa qonnaan bultootaa Lalisaa Laaloo ob. Jireenyaa Dhaabasaa akka jedhanitti, qonnaan bultoota miseensarraa buna walitti qabuun oomisha gabaaf dhiheessuun qonnaan bulaan fayyadamaa akka ta’u hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Bara oomishichaa haalli qilleensaa gaarii waan tureef oomishni bunaa fooyya’aan argamuu eeranii, buna hamma barbaachisu oomisha gabaaf dhiheessuun akka danda’ame himaniiru.

Qonnaan bulaa Gammachiis Gannatii gamasaaniitiin bara oommishichaa buna kuntaala 8 akka oomishan dubbataniiru.

Keessumaa yeroo dhihoo asitti gatiin bunaa fooyya’aa waan dhufeef fayyadamaa ta’aa akka jiran himaniiru.

Ammas daldaltoonni seeraan alaa godinicha keessa waan jiraniif  qaamota kanneenirratti to’annaan cimaa akka taasifamu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015