Kilaboonni lamaan dorgommii kubbaa miilaa addaan kutan deebi'anii jalqabuufi

74

Baahirdaar Mudde 23/2011 Kilaboonni kubbaa miilaa Amaaraa fi Tigraayi dorgommii dirree isaaniirratti addaan kutan irra deebi'anii jalqabsiisuuf qophiin xumuramuu isaa waajjirri dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Amaaraa beeksise.

Kilabiin kubbaa miilaa garee Faasiil gita isaa Maqalee waliin taphachuuf jidduu kana gara Maqaleetti akka imalu beekameera.

Daayirakterri olaanaa waajjirichaa ob. Assamaahenyi Asiras gaazexessootaaf ibsa kennaniin, deeggartoota gareewwan lamaanii jidduutti walitti bu'iinsa uumamee tureen kilaboonni lamaan wagga tokkoof dirree isaaniitii ala wal dorgomaa turaniiru.

Sababa kanaan kilaboonni kunneen dirree fi deeggartoota isaanii fuuldurratti taphachuu dadhabuun alatti, qabxii isaaniirratti dhiibbaa akka geessisee fi galii daawwattoota irraa argatan akka isaan dhabsiise ibsameera.

Ob.Assammaahenyi akka jedhanitti, kilaboonni kunneen rakkinicha hiikuudhaan akkaataa sagantaa ba'een dirree isaanii irratti akka taphatan federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa itti gaafatamtoota olaanoo naannolee lamaanii  waliin marii taasisaa tureera.

"Walii galtee naannoleen lamaan irra ga'an irratti hundaa'uudhaan kilaboonni lamaan dorgommii waggaa tokkoof dirree isaanii irratti taasisuu dhaaban akka jalqaban walii galtee irra ga'aniiru" jedhaniiru.

Mootummaan naannichaas dorgommiiwwan addaddaa karaa nagaatiin adeemsisuuf waldaalee deeggartoota kubbaa miilaa naannichaa, hoggantoota kilabii fi taphattoota, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi humna nageenyaa waliin marii addaddaa taasisuu isaa dubbataniiru.

Ispoortiin dirree siyaasaa akka hin taane hundi amanee dorgommiin hundi karaa sirna qabuun akka raawwatamu waliigalteerra ga'amuu hubachiisaniiru.

"Kilaboonni lamaan akkaataa sagantaa ba'een dirree fi deeggartoota isaanii fuulduratti dorgommii akka taasisan akkaataa walii galtee irra ga'ameen jidduu kana kilabiin garee kubbaa miilaa Faasiil gara Maqaleetti imala" jedhaniiru.

Itti fufuunis, gareen kubbaa miilaa Shiree Sihuul gara Baahirdaaritti imaluudhaan garee kubbaa miilaa Baahirdaar waliin akka dorgomus hubachiisaniiru.

Gareen kubbaa miilaa kun gara Baahirdaar wayita dhufu hawaasnii fi dargaggoonni garee kubbaa miilaa kanaaf baga nagaan dhuftan jechuun akka simatu himaniiru.

Gareewwan kubbaa miilaa Tigraayi gitoota isaa garee kubbaa miilaa Amaaraa waliin taphachuuf wayita dhufan rakkoon nageenyaa kamiyyuu akka hin uumamne qophiin ga'aan taasifamuu isaa ob. Assammaahenyi beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015