Naannoo Oromiyaa Iddoowwan Addaddaatti Manneen Barnootaa kutaa 1-4tti Sagantaan nyaataa jalqabsiifame

85

Onkoloolessa 1/2015 (TOI)  Naannoo Oromiyaa iddoowwan addaddaatti manneen barnootaa kutaa 1-4tti sagantaan nyaataa jalqabameera.

Sagantaan kun naannoo Oromiyaa  iddoowwan addaddaatti manneen barnootaa kutaa 1-4 keessatti har’a adeemsifameera.

Bara kana naannichatti barattoota kutaa 1-4 jiran miiliyoona 7 tuqaa 5 nyaata akka argatan gochuuf karoorri qabameera.

Iddoowwan sagantaan kun itti jalqabame keessaa Wallaggaa lixaatti barattoota kuma 154 nyaata akka argatan qophiin taasifamuun ibsameera.

Bulchaan godinichaa ob. Salamoon Taammiruu sagantaa kana wayita jalqabsiisan akka jedhanitti, sagantaan nyaataa kun jalqabamuunsaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa qaba.

Godinichatti barattoota manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 641 keessatti baratan fayyadamoo sagantaa kanaa akka ta’an ni hojjetama jedhaniiru.

Ummata godinichaa hirmaachisuudhaan galtee sagantaa kanaaf barbaachisu birrii kuma 274 ol sassaabuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Itti gaafatamaan waajjira barnootaa godinichaa ob. Yoonaas Immiruu gamasaaniitiin, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa godinicha aanaalee 21 keessatti argaman keessatti sagantaan nyaataa akka adeemsifamu himaniiru.

Sagantaan kun jalqabamuunsaa boqonnaa akka kenneef kan dubbatan ammoo maatii barataa kan ta’an ob. Margaa Addunyaa, sagantaan kun jalqabamuunsaa ijoolleensaanii barnootarratti akka xiyyeeffatan akka isaan taasisu dubbataniiru.

Sagantaa kanaan fayyadamaa kanneen ta’an keessaa barataan kutaa afurii Damee Malaakuu jalqabamuu sagantaa kanaatti gammaduusaa ibseera.

Fuula duras cimee barachuudhaan maatiifi biyyasaa tajaajiluuf qophii ta’uu dubbateera.

Haala wal fakkaatuun Magaalaa Jimmaatti sagantaan nyaataa barattoota manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 25 keessatti argaman kuma 22 fayyadamoo taasisu jalqabameera.

Itti gaafatamaan waajjira barnootaa magaalaa Jimmaa ob. Mahaammad Qaasiim akka jedhanitti, sagantaan kun barattoonni barnoota isaaniif xiyyeeffannaa guutuu akka kennan hirmaannaa hawaasaatiin kan raawwatamudha.

Abbootiin qabeenyaa, Dhaabbileeniifi tola ooltonni sagantaa kanarratti kan hirmaatan ta’uu ob. Mahaammad dubbataniiru.

Naannoo Oromiyaatti amma ammaatti sagantaa kanaaf akka oolu qabeenyi birrii miiliyoona 500 olitti tilmaamamu sassaabamuun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015