Qormaanni Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Yunivarsiitii Saayinsiifi Teekiniiloojii Finfinneetti Nagaan Gaggeeffamaa Jira.

61

Fubaana30/2015 (TOI ) Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf Yunivadriitii saayinsiifi teekinooloojii Finfinneetti ramadaman karaa nagaa qormaata fudhachaa akka jiran Yunivarsiitichi ibseera.

Pirezidaantiin itti aanaa dhimmoota akkaadaamiikii Dr. Taarraqanyi Birhaanuu barattoonni Finfinneefi naannoo Oromiyaarraa dhufan kuma 12 fi 56 haaa gaariin keessummeessamaa jiru.

Haala kanaan qoraata har’a ganama kenname narataan hundi karaa nagaafi tasgabbii qabuun fudhataniiru.

Yunivarsiitichi barattoonni qormaaticha sirnaan akka fudhatan akkasumas tajaajila barbaachisu akka argatan ji’a tokkoo ol qophii taasisee hojii jalqabuu eeranii, qormaatchi walirraa hatuurraa karaa bilisa ta’een kennamaa akka jiru himaniiru.

Qormaataaf akka tolu galmoota 18 mijeessuudhaan qormaanni kennamaa akka jirus ibsaniiru.Barattoonni wantoota qormaataan isaan gargaaruun ala qabatanii akka hin seenne to’annaan taasifamaa akka jiru himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015