Barattoonni Saayinsii Hawaasaa Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa yeroo jalqabaaf Yunivarsiitiitti kennamu fudhachaa jiru

127

Fulbaana 30/2015 (TOI) Barattoonni Saayinsii Hawaasaa Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa yeroo jalqabaaf Yunivarsiitiitti kennamu fudhachaa jiru.

Wayita ammaa barattoonni Yunivarsiitiiwwan Gaambeellaa, Samaraa, Asoosaa, Jigjigaafi Qabriidaaritti ramadaman qormaata fudhachaa jira.

Haala kanaan Yunivarsiitii Gaambeellaatti barattoonni kuma 5 fi 694, Yunivarsiiti Qabriidaaritti barattoonni kuma kuma 5 fi 300 ol, akkasumas Yunivarsiiti Samaraatti barattoonni saayinsii hawaasaa kuma 3fi 300 ol qormaata fudhachaa akka jiran odeeffannoon Yunivarsiitiiwwan irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015