Naannoon Gaambeellaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 5fi kuma 900’tti tilmaamamu deeggarsa taasise.

61

Fulbaana 27/2015(TOI) - Mootummaan Naannoo Gaambeellaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa adda addaa Birrii miiliyoona 5fi kuma 900’tti tilmaamamu deeggarsa taasise.

Deeggarsi kunis sangootaa, hoolotaafi re’oota Birrii miiliyoona 5fi kuma 900’tti tilmaamamudha.

Deeggarsichaas Hogganaan Biiroo maallaqaa naannichaa, Obbo Uboong Utoowu, Deetaa Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Aadde Maartaa Luwiijiitti kennaniiru.

Deetaan Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Aadde Maartaa Luwiijii, deeggarsa taasifameef uummataafi mootummaa naannichaa galateeffachuun, deeggarsi eegalame cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015