Baatiin nageenya Saayibarii 3ffaan "Nageenya saayibarii qandaa'aa birmadummaa biyyaaf" mata duree jedhuun ni kabajama

100

Fulbaana 24/2015(TOI) - Baatiin nageenya Saayibarii 3ffaan "Nageenya saayibarii qandaa'aa birmadummaa biyyaaf" mata duree jedhuun akka kabajamu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beeksise.

Daarektarri olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Salamoon Sookaa saganticha ilaalchisuun ibsa laateera.

Ayyaanichi ''Nageenya saayibarii qandaa'aa birmadummaa biyyaaf" mata duree jedhuun Onkoloolessa 1 hanga 30tti sagantaawan adda addaan ni kabajama jedhaniiru.

Dhaabbileen saaxilamummaa Saayiberii xiqqeessu, Damee nageenya Saayiberiirratti gahee sektara dhuunfaa cimsuu, Damicharratti humna namaa gahaa horachuufi hubannoo hawaasaa cimsuun xiyyeeffannoo ayyaanichaati jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015