Biiroon dhimma dubartootaa, daa'immaniifi hawaasummaa magaalaa Finfinnee dargaggoota carraa hojii uumuurratti leenjisaa ture gara hojiitti galchuufi.

80

Fulbaana 26/2015(TOI) - Biiroon dhimma dubartootaa, daa'immaniifi hawaasummaa magaalaa Finfinnee dargaggoota carraa hojii uumuurratti leenjisaa ture gara hojiitti galchuufi ta'uu beeksise.

Biirichi leenitoota kanneen gara hojiitti galchuuf qaamolee dhimmi ilaalatu waliin mariyateera.

Leenjiin kun kutaa bulchiinsa magaalichaa hundarra kan walitti dhufan shamarran hojii barbaadan kuma 9fi 555'f kan laatame yoo ta'u, leenjichis ilaalcha, gahumsaafi carraa hojii uumuu kan of keessatti hammatedha jedhameera.

Leenjiin kun dargaggoota umuriin isaanii waggaa 18 hanga 35 jiruuf marsaa kudhaniin ji'oota sadiif kenname jedhameera.

Leenjitoota kana gara hojiitti galchuuf marii qophaa'erratti leenjitoota dabalatee Biiroon misooma Itarpiraayiziifi Carraa hojii uumuu Waldaa Aksiyoonaa Qusannaa Addis, Federeedhinii dargaggoota magaalaa Finfinnee, Federeeshinii dubartootaafi dhimmamtoonni biroon hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015