Itiyoophiyaan Dorgommii Seekaafaa Kubbaa Miilaa Waggaa 17 gadii tapha Lammataa Har’a ni taasifti

77

Fulbaana 26 /2015 (TOI) Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa dorgommii Seekaafaa waggaa 17 gadii tapha lammataa har’a  Taanzaaniyaa waliin ni taasisa.

Dorgommiin kubbaa miilaa biyyoonni jaaha itti hirmaatan kun Fulbaana 23 bara 2015 Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti jalqabamuunsaa ni beekama.

Itiyoophiyaa, Somaaliyaa, Taanzaaniyaa, Yugaandaa, Sudaan Kibbaafi Burundiin dorgommii kanarratti hirmaachaa jiru.

Oolmaa guyyaa afraffaa dorgommii kubbaa miilaa Seekaafaatiin ramaddii tokkoffaatti kan argamu  gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa waggaa 17 gadii gita isaa Taanzaaniyaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti ni taphata.

Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa Taadiyoos Takluutiin leenji’u tapha jalqabaatiin Somaaliyaadhaan 1 fi 0n mo’atamuunsaa ni yaadatama.

Tapha garee biyyaalessaatiin dura sa’aatii 7tti ramaddii lammaffaa keessa kan jiran Yugaandaan Sudaan Kibbaa waliin ni taphatu.

Tapha jalqabaatiin Yugaandaan Burundii 4 fi 0n moo’achuunsaa ni yaadatama.

Dorgommiin kun amma Onkoloolessa 5 bara 2015tti ni tura.

Biyyoonni dorgommii kubbaa miilaa zoonii seekaafaatiin sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa bahan dorgommii kubbaa miilaa waggaa 17 gadii Bitootessa bara 2015 Aljeeriyaan keessummeessitu irratti zoonicha bakka bu’uun ni hirmaatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015