Naannichatti Rakkoolee Damee Carraa Hojii UUmuutiin Mul’atan Hiikuuf Xiieeffannee Ni hojjenna –Pirezidaant Ordiin Badirii

122

Fulbaana 25/2015(TOI) – Rakkoolee iddoo hojiifi faayinaansii carraa hojii uumuuf gufuu ta’an hiikuuf xiyyeeffatanii akka hojjetan pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badirii ibsan.

Jilli ministira hojiifi dandeetti Mufariyaat Kaamiiliin durfamu dhimmoota hojii uumuu, nageenya industiriifi ijaarsa dhaabbataa irratti miseensota kaabinee naannoo Hararii waliin  mari’ataniiru.

Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, dargaggeessi human oomishaa akka ta’u leenjiifi barumsa barbaachisu kennuutu barbaachisa.

Dargaggoota hedduu sirriitti leenjisuudhaan biyya jijjiiruudhaan baay’inni ummataa yaaddoo osoo hin ta’iin carraa akka ta’u gochuun ni danda’ama jedhaniiru.

Akka naannoo Harariitti iddoo hojiifi faayinaansii danee hojii uumuutti gufuu ta’aa jiran xiqqeessuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffatee akka hojjetu ibsaniiru.

Ministirri hojiifii dandeettii adde Mufariyaat Kaamiil, dhaabbileen leenjii ogummaafi teekiniikaa kuma 1 fi 800 ol jiraatanis jiraatanis human namaa gabaarratti barbaadamu baasaa hin jirru jedhaniiru.

Gama biraatiin kanneen leenjii galan dandeettii barbaachisu horatanii waan hin baaneef hojii dandeettii cimsu nojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Rakkoo kana furuuf sirna gabaan durfamu diriirsuuf hojjechaa akka jiru ministirittiin ibsaniiru.

Haala amma jiruun waggaatti dargaggoonni miiliyoona lama ta’an dhaabbilee  teekinikaafi leenjii akka galan kan eeran ministirittiin, turtii isaaniitiin sirriitti leenji’anii akka ba’an gochuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Qabeenya uumamaafi aadaa naannoo Harariitti argaman carraa hojii uumuuf akka oolan gochuuf leenjisuun guddisuuf akka hojjetan adde Mufariyaat dubbataniiru.

Dargaggoonni carraa hojiitti akka fayyaddaman ilaalcha hojiif qabaniifi amalasaanii jijjiiruudhaan ofeeggattummaarraa baasuun akka barbaachisu kan ibsan ammoo itti gaafatamaa abbaa taayitaa galiiwwanii naannichaa ob. Baqqalaa Tamasgeeni.

Itti gaafatamaan biiroo aadaa, hambaafi tuurizimii naannichaa ob. Tawaldee Abdoosh, deeggarsi ministeerichaa hojiiwwan ogummaa naannichatti oomishaman caalaatti ammayyeessuuf shoora olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015