Komishiiniin Hojii Gamtaa fi Baankiin Misoomaa waldaalee misoomsitoota beelladaa waliin ijaaruuf waliigalan.

86

Fulbaana 25/2015(TOI) - Komishiiniin Hojii Gamtaa Itoophiyaa fi Baankiin Misooma Itoophiyaa magaaloota 90tti Waldaalee misoomsitoota beelladaafi bu'aa beelladaa waliin ijaaruuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigaltee kanas Komishineer Komishiinii Hojii Gamtaa Itoophiyaa Fire'alaam Shibaabbafi Pireezidaantiin Baankii Misooma Itoophiyaa doktar Yohaannis Ayyaaloo mallatteessaniiru.

Hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa ilaalchisuun Waldaaleen Hojii Gamtaa naannoleerraa fi ogeeyyoonni damee kanaa kan biroon magaalaa Bishooftuutti mariyataniiru.

Komishiniin Hojii Gamtaa Itoophiyaa sadarkaa biyyaatti sagantaa hojii Waldaalee ogeessota misoomaa beelladaa ifoomseera.

Komishineer Komishiinii Hojii Gamtaa Itoophiyaa Fire'alaam Shibaabba godina dinagdee Itoophiyaaf bu'uura kan ta'ee misooma beelladaafi bu'aa beelladaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Naannawwaa magaalaatti hanqina bu'aa beelladaa mul'achaa jiru furuuf ogeeyyoota misoomaa beelladaa leenjisuun bu'aa beelladaafi beelladaarratti qaala'insa gabaa jiru furuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015