
Fulbaana 25/2015 (TOI) Maxxansoota qu’annoo barnoota olaanaa, dhaabbilee qu’annoofi waldaalee ogummaatiin qophaa’an qorannoofi sirna beekamtii qopheessuudhaan qulqullinaafi fudhatamasaanii guddisuun akka barbaachisu ibsame.
Ministeerri barnootaa sirna qorannoofi beekamtiin maxxansoota qu’annoo biyyaalessaaf kennamu akkasumas abdiisaanii ilaalchisuun waltajjii qorannoo adeemsiseera.
De’eetaan ministira damee misooma barnoota olaanaa Doktar Saamu’eel Kiflee qu’annoofi maxxansoonni barnoota olaanaa, dhaabbilee qu’annoofi waldaalee ogeeyyotaan taasifaman addunyaaf beeksisuudhaan fudhatamasaanii guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Biyyattiitti hayyoonniifi qorattoonni hojii qu’annoorratti hirmaatan danuu ta’anis, gumaachi maxxansoota qu’annoo idil addunyaarratti taasifamu xiqqaadha jedhaniiru.
Naxxansoonni qu’annoo biyya keessaa qulqullinaafi sadarkaasaanii eeggatanii marsariitiifi kuusaa odeeffannoo maxxansa qu’annoo hundeeffamu keessatti akka galmaa’aniifi qaqqabaa akka ta’an hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Maxxansoonni kunneen qulqullina isaanii eeggatanii, mul’atanii dorgommiifi walta’iinsa karaa mirkaneessuun hojjetajjetamanii beekamtiin kennamuufii qaba jedhaniiru.
Hojii raawwachiisaan gaggeessaa
dhimmoota qu’annoofi walitti hidhiinsa hawaasaa doktar Salamoon Binoor, sirni
qorannoofi beekamtii maxxansootaa qulqullinaafi maxxansoonni akka mul’atan
taasisuun sirna odeeffannoo qu’annoo idil addunyaa keessa galchuuf cimanii akka
hojjetan taasisa jedhaniiru.
Joornaalota qu’annoo
biyya keessatti maxxanfaman 200 ol keessaa ulaagaa kan guutan 39 beekamtii
argachuusaanii dubbataniiru.
Waltajjii kanarratti barreeffamoonni addaddaa dhihaatanii mariin taasifameera.