Haqa qabeesummaa Damee tajaajila fayyaa foyyeessuuf murteewwan ragaa qulqulluu bu’uureffatan jiraachuu qabu - Ministeera Fayyaa

87

Fulbaana 24, 2015 (TOI) – Itoophiyaatti haqa qabeesummaa Damee tajaajila fayyaa foyyeessuuf murteewwan ragaa qulqulluu bu’uureffatan jiraachuu akka qabu Ministeera Fayyaa beeksise.

Mata duree “Sirnaa fayyaa ragaa buuureffate, haqa qabeessaa, qulqulluu fi dhiibbaf hinsaaxilamne cimsuu” jedhuun yaa’iin waggaa Qorannoo Sirna Fayyaa Biyyaalessaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, qondaaltonnii hojii, Hoggantoonni Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa, dhaabbilee qorannoo, hayyoota dhaabbilee barnoota olaanoo dabalatee dhaabbileen tumsistootaa biroon argamaniiru.

Dooktar Darajjeen waltajjicharratti akka jedhanitti, sirna fayyaa qindaa’aan ekisteeshiniin fayyaa hojiirra akka oolu taasisuun, tajaajila fayyaa jalqabaa babal’isuun akka danda’ame fi damee fayyaan hanqinaalee jiran hir’isuuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru ibsaniiru.

Daayrektarri Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa Dooktar Masaay Haayiluu gama isaaniin, inistitiyuutichi murteewwan saayinsaawaa fayyaa hawaasaa fi sirna soorataa dhiyeessuuf qorannoowwan gaggeeffamaa jiraachuu dubbatan.

Inistiitiyuutichi karoora ce’umsa fayyaa hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu ibsanii, hojiilee kanneen kan tumsan qo’annoowwanii fi qorannoowwan 100 ol gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.

Waltajjicharratti qorannoowwan sirna fayyaa garaagaraa dhiyaachuun hirmaattotaan irratti mari’atameera.

Waltajjichi guyyoota lamaaf kan turu ta’uu ragaan Ministeeraa Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015