Waldichi lammilee qe'ee isaanirraa buqqa'aniif deeggarsa birrii miliyoona 2.2tti tilmaamamu taasise.

70

Gobba, Fulbaana 24/2015(TOI) - Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaatti waajjirri damee godina Baalee sababa adda addaan qe'ee isaanirraa buqqa'uun kanneen aanaa Dalloo Mannaatti dahoo keessa jiraniif deeggarsa midhaaniifi uffaataa taasisuu beeksise.

Deeggarsi kunis waliigalaan birrii miliyoonaa 2.2 olitti kan tilmaamamudha jedhameera.

Waldichaatti itti gaafatamaan damee godina Baalee obbo Tashoomee Abbaabbuu yeroo deeggarsa kana dabarsanii laataan akka jedhanitti deeggarsi kun lammilee sababa adda addaan qe'ee isaanirraa buqqa'an 500 kan ooludha.

Naannawichatti lammileen sababa hongeefi balaa nam-tolcheen qe'ee isaanirraa buqqa'an miidhaa caalaaf akka hin saaxilamne yaadame uffaata qorraa, meeshaalee nyaata ittiin bilcheeffatan, Godoo sharaafi midhaan nyaataa gosa adda addaa deeggarsi taasifameefira jedhaniiru.

Gara fuula duraattis deeggarsi kun cimee kan itti fufu ta'uu ittigaafatamitichi himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015